BULCHIINSA MOOTUMMAA NAANNOO OROMIYAA

WAAJJIRA PIREZIDAANTII, OFFICIAL WEBSITE

Thursday
Jun 20th
Text size
  • Increase font size
  • Default font size
  • Decrease font size
Home PIREZIDAANTII ITTI GAAFATAMAA WAAJJIRAA DAAREKTOREETII DHIMMA KAABINEE

DAAREKTOREETII DHIMMA KAABINEE

Director of Cabinet Affairs Directorate

   Contact Address

      Obbo ________________________
     Daarektara Daarektoreetii Dhimma Kaabinee
     Email: - ________

     Phone: +251-1- 552-51-22  +251-1- 552-36-02

     Fax:- +251 115 513 642 ykn +251-1- 551-96-33

 

 

Daareektooreetii Dhimma Kaabinee qaamota waajjira Pirezidaantii jalatti gurmaa’e keessaa tokko yoo ta’u hojiilee armaan gaditti tarraa’an irratti hundaa’ee kan hojjatuudha.

. Galmiwalgahii mana marichaa meeshaa barbaachisoo ammayyaan  akka gurmaa’uufi walgahiif mijaa’aa akka ta’u ni taasisa;

2.Taa’uumsa miseensota mana marichaa fi namoota walgahii irratti  akka argaman hayyamameef iddoo ni qabsiisa;

3.Hojimaata kaabinee irratti mana marichaaf ibsaafi gorsa ni kenna;

4.Hojimaata kaabinee fooyyessuuf dhimmoota gargaaran qopheessun ni dhiyeessa;

5.Ajandaawwanii fi sanadoota mana marichaaf dhiyaatan qindeessuudhaan yeroo seeran murtaa’e keessatti miseensota mana marichaaf ni dhaqabsiisa;

6.Dhimmoonni mana marichaatiif dhiyaatan akkaataa dambii hojimaata  mana marichaan ta’uusaa ni mirkanneessa;

7.Walgahiiwwan mana marichaa qaboon yaa’ii barreeffamaa, sagaleefi viidiyoodhaan akka qabamu gochuufi cuunfaasaa(summary minute) qopheessuudhaan mana marcihaatti dhiyeessuudhaan akka mirkannaa’u ni godha;

8.Murteewwan mana mariitiin dabran qaama dhimmi ilaaluuf akka dhaqaban qopheessuudhaan Itti Gaaffatamaa Waajjiraaf ni dhiyeessa;

9.Murteewwaniifi kallattii kaabineetiin kennaman sadarkaa irra jiran hordofuun qaama ilaaluuf ni gabaasa;

10.Haalli qabiinsa dookimantootaafi sanadootni akkasumas hojimaatni mana marichaa karaa teeknoolojii quunnamtii ammayyaatin akka deeggaramu ni taasisa;

11.Kutaa dokumenteeshinii mana marichaa gurmeessuu fi tajaajila akka kennuu ni taasisa;

Last Updated ( Monday, 23 January 2012 06:51 )

 
YAADACHIISA HORDOFTOOTA WEBSAAYTII OROMIYAATIIF
Maxxansaalee adda addaa fi qophiilee dokimantariiwwan kan feenu waan ta'eef akka hordoftan isin affeerra!!!