Damee Industirii fi Misooma Magaalaa
1) Raawwii imaammataa fi tarsiimoo damee Industirii fi Misooma Magaalaa hordofuu fi xiinxallii (trend analysis) gaggeessuudhaan gabaasa xiinxala imaammataa fi tarsiimoo dhiyeessuu;
2) Yaada imaammataa, tarsiimoo fi sagantaalee damee Industirii fi Misooma Magaalaa bu’a-qabeessa taasisuu danda’an maddisiisuu;
3) Kallattiiwwanii fi murteewwan preezidaantii fi mana maree bulchiinsa mootummaa naannichaatiin damee Industirii fi Misooma Magaalaa ilaalchisee kennaman raawwachiisuu fi raawwatiinsa isaas dhiyeenyatti hordofuu fi deeggaruu;
4) Yaada imaammataa, tarsiimooo fi murteewwan damee Industirii fi Misooma Magaalaa irraa preezidaantiif dhiyaatu xiinxaluun qulqullinaa fi gahumsa isaanii mirkaneessuu;
5) Muuxannoowwan raawwii imaammataa fi tarsiimoo naannicha keessatti argaman qindeessuu; akkasumas, muuxannoowwan haaraa addunyaa fi biyya keessaa barbaaduu, xiinxaluu fi qindeessuudhaan haala hojiiwwan hawaas-dinagdee fi bulchiinsa gaarii naannicha keessatti bu’a-qabeessa taasisan irratti preezidaantiif gorsa kennuu;
6) Gabaasa raawwii karoora Industirii fi Misooma Magaalaa walgahii idilee Caffee Oromiyaatiif dhiyaatu qopheessuun dhiyeessuu; fi
7) Iyyannoo fi komii hiikkaa tarsiimo’aa qabanii fi damicha ilaallatan qorachuun fala akka argatan taasisuu.


