
(Bitootessa 21/2004, Finfinnee)-Naannoo Oromiyaa keessatti waggoottan darban waldaaleen intarpiraayizii maayikroo fi xixiqqaa 35, 000 miseensota kuma 357ol qaban gurmaa’anii hojii keessa galuun jiruu fi jireenya isaanii fooyyeffachuu bira darbanii guddina misooma biyyattii keessatti qooda isaanii gumaachaa jiru.
Ejansiin Intarpiraayizii mayikroo fi xixiqqaa Oromiyaa waldaalee hojii isaanitiin fakkeenya ta’anii fi gra industirii guddattuu giddu galeessaatti ce’an tibba kana Magaalaa Adaamatti badhaaseera.
Waldaalee badhaafaman keessaa 68 warra gara gauddattuu Industirii giddugaleessaatti ce’an, waldaaleen 152 warra hojii isaaniitiin fakkeenya ta’anii fi kaadhimamtoota gara guddattuu gindustrii giddu galeessaatti ce’uuf qophaa’an. Warren kaadhimamtoota ta’an kaappitaalli isaanii birrii kuma 200 hanga miliyona 1. 5 yoota’an warri garaguddattuu goddugaleessaatti ce’an kaappitaaia birrii miliyoona 1.5 fi sanaa ol kan horatan.
Waldaalee Intarpiraayizii Maayikroo fi xixiqqaa tibbana badhaafaman keessaa hanga kaappitaala birrii miliyoona 4 kan galmeessisan kessatti argamu.
Waldaalee kanneeniif badhaasa kan kennan pirezidaantiin bulchiinsa mootummaa naannoo Oromiyaa obbo Alamaayyoo Atoomsaa, bu’uura tarsiimoo industirii kan ta’e intarpiraayizii maayikroo fi xixiqqaa gurmeessuu keessatti ilaalchi boodatti hafaafi gochaan kiraa sassaabdummaa keessumattuu magaalota keessa turan gufuu ta’anii turan jedhan.
Warren badhaafamtan tattaffii mataa keessanii deeggarsa mootummaatiin rakkoolee kanneeniif osoo hin jilbiiffatin hojii dhabummaa keessaa bahuu qofa osoo hin taane sadarkaa abba qabeenyaa gahuu keessaniif mootummaan naannoo Oromiyaa badhaafamtootaaf dinqisiifannaa isiniif qaba jedhaniiru.
Warri badhaafaman warren biro jajjabeessuun fakkeenyummaa isaanii hordofun ilaalchawwan boodatti hafaa, eeggattummaa, gochaa kiraasassaabdummaa dhabamsiisaaf deemuuf qooda isaanii gumaachuu akka qaban hubachiisaniiru.
Baayi’nni waldaalee gurmaa’anii baayi’na hojii-dhabeeyyii naannoo Oromiyaa wal hin gitu kan jedhan obbo Alamaayyoon bu’aawwan caalmaatiif xiyyeeffannoon hojjechuu akka barbaachisu dubbataniiru.
Daarektarri olaanaan Ejansii Intarpiraayizii maayikroo fi xixiqqaa Oromiyaa obbo Milkeessaa Jaagamaa waldaaleen badhaasaaf filtaman kunneen hojii isaaniitiin fakkeenyummaa kan qabanii fi ulgaalee filannoo kan guutan akka ta’e sirnicha irratti himaniiru.



