[Finfinnee, Oromiyaa 26 01 05]Masrat Hayluu fiigicha walakkaa Maaraatoonii Dubartootaa kaleessa magaalaa Kaavaarnootti dorgomame injifatte. Waldaan Fedreeshinii Atileetiksii Addunyaa akka beeksisetti akka injifattu eegamtee kan hin turre dargaggeettiin waggaa 22 atileet Masrat Hayluu fiigicha walakkaa Maaraatoonii Dubartootaa yeroo 20ffaaf kaleessa Bulgaariyaa magaalaa Kaavaarnootti dorgomame sa'aatii 1 fi daqiiqaa 8 fi sekondii 55niin galuun haala qilleensaa rakkisaa ta'e dandamachuun ol'aantummaan xumurtee jirti. Dorgommii fiigicha walakkaa Maaraatoonii Dhiirotaan dorgomameen ammoo Darrasa Cimsaa 2ffaa ta'uun xumuree jira. TOI tu gabaase.


[Finfinnee Fulbaana 18 2005]-Dorgommii Maaraatoonii Barliin Dilbata dhufu dorgomamu irratti kan hirmaattu Abbarruu Kabbadaa rikoordii dorgommichaa foyyeessuuf akka...
[Finfinnee Fulbaana 18 2005]-Gareen Kubbaa Miilaa Dubartootaa Itiyoophiyaa boru sa'aatii 10 irratti Garee Kubbaa Miilaa Dubartootaa Keeniyaa waliin tapha michoomaa...
[Finfinnee, Oromiyaa 07 01 05] Xirunesh Dibaabaa yeroo jalqabaatiif fiigicha walakkaa Maaraatoonii injifatte. Atileet Xirunesh Dibaabaa kaleessa yeroo jalqabaatiif fiig...