
Bara 2003 karoora guddinaafi Tiraanisformeeshinii waggaa shanii baafannee hojiitti galuudhaan raawwii karoorichaa keesaa kan waggaa jalqabaa milkaaâinaan xumurree jirra. Sochii kanaanis guddina diinagdee keenyaa yeroo 8ffaaf galmeessuun galma gaâiinsa KGT tiif buâuura amansiisaa kaaâuu dandeenyeerra.
Utubaawwan buâuuraa KGT keessaa inni ijoon tokko diinagdee saffisaa, ittifufiinsa qabuu fi uumÂmanni sadarkaan irraa fayyadamu mirkaneessuudha. Gama kanaanis Tarsiimoo muxannoowwan gaggaarii babalâisuudhaan oomishaa fi oomishtummaan qonÂnaa akka fooyyaâu gochuun, gama induustiriitiin buâuura induustrii fi abbootii qabeenyaa borii kan taâan dhaabbilee IMXtiif xiiyyeeffannoo kennameen buâaalee abdachiisaan argamaniiru.
Haala mijaaâaa fi nageenya amansiisaa biyyaa fi naanÂnoo keenyatti mirkaneessuu keenyaan dhangalaâiinsi investmentii dhuunfaa naannichatti yeroo kamiÂyyuu caalaa dabalaa dhufeera. Hojii investmentii baballiâsuu cinatti, dargaggoota hojii dhabeeyyii gurÂmeessuun hojiitti galchuudhaan lammiiwwan hedÂduuf carraa hojii uumuun dandaâameera.
Gama misooma hawaasummaatiin keessattuu gama tajaajila barnootaa, fayyaa fi dhiyeessi bishaan dhugaatiitiin hojiiwwan hojjetamnii fi buâaaleen arÂgaman gaariidha jechuun ni dandaâama.
Tajaajiloota addda addaa gama manneen hojii mooÂtummaatiin ummataaf kennaman iftoomaa fi itti gaaÂfatamummaa irratti karaa hundaaâeen akka raawwatu gochuuf, sagantaalee fooyyaâinsaa ammaan dura jalqaban ciminaan akka ittifufan gochuudhaan hanqiÂnaalee bulchiinsa gaarii wajjin walqabatn xiqqeessuuf tattaaffiin godhamee fi buâaan argames salphaa miti.
Bara gaggeessine kana dhimmoota adda taasisan keessaa inni tokko dhimmaa ijaarsa âHidha HaarÂomsaa Guddicha Laga Abayyaaâ irratti eegalmee fi kakaâumsa olâaanaa yeroo kamiyyuu caalaa haÂwaasa keenya biratti uumedha. Ijaarsi hidha gudiÂchaa akkuma labsameen uummnni naannoo keenyaa dadammaqiinsa qaama kamiyyuu otoo hin eegin, daangaa hanga daangaatti gammachuu isaa hiriira nagaatiin ibsuu irra dabree deeggarsa maallaqaa fi bittaa boondiitiin gumaacha olâaanaa godhaa jira. Sochii fi deebii boonsaa uummatni naannoo keenyaa gama kanaan taasisee carraa kanaan diinqisifachuu fi galateeffachuun barbaada. DabalataanâGamtaa fi kakaâumsa misooma laga Abayyaa irratti agarsiifne, hojiiwwaan misoomaa biroo irrattis babalâisuudhaan fayyadamummaa keenya sadarkaa olâaanaatti akka mirkaneessinu waamichaa koo dabarsuun barbaada.
       TO READ ALL THE DOCUMENT CLICK HERE
Â
LANGUAGES


