
Ob. Habtaamu Damissee Bokkaan
Dareektarra Daarektooreetii Dhimma Komunikeeshinii fi Prootokoolii
Email: habtamu108071@yahoo.com
Phone: 0115524246
Fax: ( 251-1)551 04 55 / 552 42 47
P.O.Box 102719
Hojii Daarektooreetii Dhimma Komunikeeshinii fi Prootokoolii hojjetaman issaan armaan gadiitiii tarreefama dhaa
1. Hojii quunnamtii Uummataa mana hojichaa ittigaafatamummaan qindeessuu, oogganuu fi dubbi-himaa mana hojichaa ta’ee hojjechuu.
2. Ragaaleen mana hojichaa sirna itti sassaabamuu fi gurmaa’u diriirsuu fi tamsaasuu.
3. Mullata fi ergama mana hojichaa bakkaan gahuuf jecha hawaasaa fi mana hojichaa gidduutti quunnamtii gaariin akka jiraatu, maqaan mana hojichaa fi naannichaa roga gaariin akka hubatamu hojiiwwan quunnamtii uummataa karoorsu, qindeessuu fi raawwachiisuu.
4. Adeemsota hojii ykn kutaalee hojii mana hojichaa gidduutti sirna walijjiirraa ragaa cimaa ta’e diriirsuu, qindeessuu fi raawwachiisuu.
5. Gabaasota miidiyoonni mana hojichaa ilaalchisanii gabaasani kanneen deebiin itti kennamuu qabu xiinxaluun deeboo itti kennuu ykn qaamoleen man hojichaa dhimmii ilaalu akka deebii itti kennan ni taasisa.
6. Miidiyoota biyya keessaa fi alaa wajjin mana hojichaa quunnamsiisuu, gaaffii raga miidiyootaatiif ofuma ykn qaamolee mana hojichaa dhimmi ilaaluun deebiin akka itti kennamu gochuu.
7. Imaammata, tarsimoo, seerota akkasumas dhimmoota walta’insa biyyooleessaa fi maqaa gaarif gumaachan irratti haalawwan gurmeessuu.
8. Waltajjiiwwan mari qopheessuu, qindeessuu fi raawwachiisuu.
9. Ooggantooni mana hojichaa fi abbootiin taayitaa olaanaan, hawaasni adda addaa fi gaazaxessoonni sochii misoomaa fi raawwii mana hojichaa akka daawwatan karoorsuu, qindeessuu fi raawwachiisuu.
10. Imaammata, tarsimoo, raawwii karooraa fi sagantaalee projektii mana hojichaa beeksisuuf sagantaalee miidiyaa karoorsuun haguuggii miidiyaa akka argatan gochuu
11. Hojiiwwan suuraa waraabbii suur-sagalee fi maxxansaa akkasumas bulchiinsa weebsaayitii hojjechuuf sirna dandeessisu diriisuun hojii irra oolchuu.
12. Gaazexessoonni biyya keessaa fi alaa qaama dhimmi ilaallatu irraa hayyama fudhatanii wayita dhufan raga barbaachisu kennuu ykn akka kennamu gichuu.
13. Hojiiwwan dhaadhessaa mana hojichaa ilaallatan ergama mana hojichaa wajjiin karaa walhinfaallesineen seera hordofanii bahuu isaanii mirkaneessuu.
14. Akkaataa seera kenniinsa raga fi odeeffannootiin ragaalee mana ojichaa irraa gaafatamn haala itti kennamana mijeessuu fi kennuu.
15. Haalawwan hin eegamin akka tasaa wayiota uumamani qaamolee mana hojichaa dhimmi ilaalu waliin mariyachuun raga tamsaasuu fi hojii tasgabeessuu raawwachuu.
16. Bu’a qabeesummaa hojii quunnamti uummata mana hojichaa qorachuu, gamaagamuun hojimaata fooyy’aa qiyyaasuu fi hojii irraa oolchuu.
17. Ogeessaafi ogummaan quunnamtii uummataa gahumsaa fi naamuusa gaarii qabu akka jiraatu fi akka cimu leenjiiwwan adda addaa mijeessuu.
18. Karooraa fi bajata hojichaa qopheesuu, meeshaalee fi human namaa barbaachisu akka guutamu gochuu.
19. Odeeffannoo fi ragaalee mana hojichaarra barbaadamu yerootti biiroo beeksisaaf ni dhiyeessa, ergaawwan akka naannootti qopha’anis biiricha irra fudhatee mana hojichaa keessatti ni dabarsa.
20. Badhaasa fi kennaawwan qaamota adda addaaf preezidaantichaan kennaman qopheessuu olantuman nirawachisaa.
21. Hojiiwwan fi tajajjila Pirootokoolii sadarkaa issaa eggee abbummaadhaan ni hoggaana, ni hordoofa fi ni rawachisaa.
Naannoo keenya bakka bu’uun tuuta gara biyya alaa deemuuf viizaa fi paaspoortii olantuman ni raawwachiisuu.
Jillii olii annaan Naannoo irraa gara alattii demaan fi biyyaa allaa irraaa dhufaanfi tajajjilaa Pirootokoolii barabachisaa ta’ee kenu, qindeessuu fi rawachisuu.
Hojii misoomaa Bul gaarii fi haala mijawaa naannoo oromiyaa keessa jiru diyaaspooraa hubannoo akka argatan cimsuun walitti dhufeenya uumuu biyyaa keessatii harkisu olantumadhaan rawachisu.
Misooma biyya keessaa hirmaannaa uummataa dhimma hawaasummaa, siyaasaa fi misooma dinagdee jiru diyaaspooraa akka beeku techinolojii adda addaa fayadamun tamsaasuu fi qaamaan acchitti argamuun hubannoo uumuu.
Garagaruma ejjeno siyasaa bukettii dhisudhaan misomaa oromiyaa irraatti ejjeno tokkoon diyaaspooraa akkaa hirmatuu tasisu. Namoonni diyaaspooraa yeroo naannoo keenya dhufan simachuun sagantaa qabsiisuu fi hoogansa ol’aanaa waliin walqunnamsiisuu.
Hojii dabalataa ogganaa mana hojichaa irraa kennamu ni raawwata.
LANGUAGES