Dh.D.U.O.n, akkaatuma dambii ittiin bulmaataa keessa taa’ee jiruun, waggaa lamaa hanga waggaa lamaa fi walakÂkaa keessatti yaa’ii dhaabbatummaa idilee isaa gaggeessaa as gaheera. Hanga ammaattis yaa’ii dhaabbatummaa idilee al-jaha gaggeessee jira.
Yaa’ii dhaabbatummaa idilee hanga yoonaatti gaggeeffaÂmaniinis, bu’aaleen gurguddoon galmaa’aniiru. Ciminoota hojii keessatti mul’atan caalmaatti cimsuu fi itti fufsiisuu, hanqinoota mul’atan maqsuu fi hojii waggoota itti-aananii ilaalchisee kallattiiwwanii fi murtiiwwan dhaabni keenya kaa’uufi dabarsu keessatti yaa’iiwwan dhabbatummaa idilee gahee olaanaa taphataniiru.
Murtiiwwan yaa’iiwwan dhaabbatummaa idilee dhaaba keenyaan murtaa’anii fi kallattiiwwan yaa’iiwwan kunneen kaa’aniin, naannoo fi biyya keenya keessatti milkaa’inni boonsaa ta’ee fi ummata sadarkaa sadarkaan jiru fayyadÂamaa taasise galmaa’aa jira.
Wayita ammaa kanas, injifannoowwan boonsaa gaggeesÂsummaa dhaaba keenyaan gama hundaan galmaa’aa jiran kana caalmaadhaan itti fufsiisuun murteessaadha. Amala Dh.D.U.O. tis. Bu’uuruma kanaan, ciminootaa fi hanqinooÂta gaggeessummaa dhaaba keenyaa keessatti mul’atan adda baasuudhaan ciminoota caalmaatti gabbifannee, hanqinooÂta maqsuu, akkasumas, kallattii itti-aanu kaa’uu keessatti yaa’ii dhaabbatummaa idilee 7ffaa dhaaba keenyaa murteesÂsaa fi bakka guddaa kan qabudha.
Yaa’iin dhaabbatummaa idilee 7ffaa Bitootessa 9-11/05 gagÂgeeffamu kunis ta’eewwan /events/ yaa’iiwwan kanaan duÂraa irraa adda isa taasisan baay’ee qaba.
LANGUAGES
