Haala Waliigala(Over View of the Cabinet)
Caamsaa 20 bara 1983 akka AWDUI(EPRDF) guutummaa Itoophiyaa erga too’ateen booda, Chaartara Yeroo Ce’umsaa Itoophiyaa Adoolessa 15 bara 1983 ragga’e keewwata 2 bu’ureeffachuun Manni Marii Bakka Bu’ootaa Mootummaa Ce’uumsa Itoophiyaa Sadaasa 6 bara 1984 labsii lakkoofsa 7/1984 labsii bulchiinsota Mootummaa Naannoolee Ce’uumsaa(National/Regional Self-government) hundeessuuf bahe keewwata 3(1) jalatti Bulchiinsi Mootummaa Naannoolee 14 hundaa’an keessaa Bulchiinsa Mootummaa Naannoo Oromoo ykn “Kilil Arat” jedhamee hundeeffameera. Labsuma kana keewwata 8(1)(b) ammoo Bulchiinsi Naannoo Yeroo Ce’umsaa Koree Hojii Raawwachiiftuu Naannoo akka qabaatuufi keewwata 9(4) jalatti Koree Hojii Raawwachiiftuu Naannoo itti waamamni isaa Mana Maree Naannoofi mana Maree Ministirootaa Mootummaa Yeroo Ce’umsaa Giddu Galeessaaf akka ta’e tumameera.Akkasumas, keewwata 17(1)n Koree Hojii Raawwachiiftuu Naannoo Qaama Seera Raawwachiiftuu ol’aanaa Mootummaa Bulchiinsa Yeroo Ce’uumsaa Naannoo akka ta’eefi miseensota mana maree naannoo keessaa kan filataman baayyinni isaani 11 gadi kan hin taaneefi 19 kan hin caalle akka ta’e ibseera. Labsii 2/1985 Seera Mootummaa Bulchiinsa Yeroo Ce’uumsaa Naannoo Oromiyaa hojiirra oolchuuf Amajjii bara 1985 Caffee Oromiyaatin bahe keewwata 43 irratti “Caffeen Oromiyaa hojii isaa kan gaggeessu miseensota Koree Hojii raawwachiiftuu karaa seeraatiin filuun ta’a” jedhamee kaa’ameera.
Keewwata 44 irratti aangooofi hojii Koree Hojii Raawwachiiftuu yoo ibsu, Keewwata 45 ammoo koree Hojii Raawwachiiftuu kan hogganu Pirezidaantii Caffee ta’a jechuun tumameera. Heera Mootummaa Naannoo Oromiyaa raggaasisuuf Labsii lakk.1/1987 bahe keewwata 46(2) jalatti Qaamin Mootummaa Naannichaa inni ol-aanaan Seera Raawwachiiftuu, Koree Hojii Raawwachiiftuu Naannichaa yoo ta’u, itti waamamin isaa Caffee Naannichaatiif ta’a jechuun kaa’eera.
Labsuma kana keewwata 52(1) Mootummaan naannoo Oromiyaa aangoon raawwachiistummaa ol-aanaan kan kennameef Koree Hojii Raawwachiiiftuu fi Pirezidaantiif jechuun tumameera. Keweewwata xiqqaa (2) jalatti immoo, Itti waamamin Koree Hojii Raawwachiiftuufi Pirezidaantichaa Caffee Naannichaatiif ta’a jechuun yoo tumu, Keewwata 53(1) jaltti ammo Koreen Hojii Raawwachiiftuu Qaama Pirezidaantii, Itti aanaa pireezidaantii, barreessaafi miseensonni korichaa kanneen biroo Caffichi of –jidduudhaa filatee kan haammatuudha jechuun ifatti kaa’eera.
Heera Mootummaa Naannoo Oromiyaa kan bara 1994 Fooyya’e raggaasisuuf labsii lakk.46/1994 Onkololeessa 17 bara 1994 bahe keewwata 46(2)n Qaamni Seera Raawwachiiftuu ol-aanaan Naannichaa Mana Marii Bulchiinsa Naannichaa (Administrative Council) yoo ta’u, itti waamamin isaa Caffee Oromiyaatiif akka ta’e ifatti kaa’era.Akkasumas, keewwata 53(1) angoon raawwachisummaa ol-aanaan Naanichaa kan kenname Pireezidaantichaafi Mana Marii Bulchiinsa Mootummaa Naannichaatiif jechuun ibseera.
Keewwata 54(1) miseensonni mana marii bulchiinsa mootummaa naannoo Pirezidaantii, itti aanaa pirezidaantii, hoggantoonni biiroolee ykn waajirootaafi akkaataa seeraan murtaa’uun qaamonni biroo kan keessatti argamaniidha jedhee ibseera.Kana malees, heeruma kana keewwata xiqqaa 2 jalatti Walitti qabaan mana marii bulchiinsaa mootummaa naannichaa Pirezidaanticha akka ta’e yoo ibsu, keewwata xiqqaa 3tiin ammoo, itti waamamin mana mariichaa immoo, Pirezidaantichaafi Caffee naannichaaf ta’uusaa ibseera.
LANGUAGES