Kabajamoo Obbo Alamaayyoo Atoomsaa
Pirezidaantii  Bulchiinsa  Mootummaa Naannoo Oromiyaa
Â
Duraan dursee ummata naannoo keenyaa fi biyya keenyaa maraaf baga bara haaraan nagaan nu gahe jechaa, barri haaraan  kan nagaa,  kan badhaadhinaa fi milkaa’ina gaarii akka nuuf ta’u hawwii  koo onneerraa  ibsuun barbaada.
Akkuma beekamu barri 2003 karoora guddinaafi tiraanisformeeshinii waggaa shaniibaafannee hojiitti galuudhaan raawwii karoorichaa keesaa kan waggaa jalqabaa milkaa’inaan xumurree jirra. Sochii kanaanis guddina diinagdee keenyaa yeroo 8ffaaf galmeessuudhaan galma ga’insa KGTtiif bu’uura amansiisaa kaa’uu dandeenyeera.
Utubaawwan bu’uuraa KGT keessaa inni ijoon tokko diinagdee ariiftaa, ittifufiinsa qabuu fi uummanni sadarkaan irraa fayyadamu mirkaneessuudha.Gama kanaanis TMG babal’isuudhaann oomishaa fi  oomishtummaan qonnaa akka fooyya’u gochuun, gama induutriitiin bu’uura induustrii fi abbootii qabeenyaa borii kan ta’an dhaabbilee IMXtiif xiiyyeeffannoo kennameen  bu’aalee jajjabeessoon  argamaniiru.
Haala mijaa’aa fi nageenya amansiisaa  biyyaa fi naannoo keenyatti  mirkaneessuu keenyaan dhangala’iinsi  investmentii  dhuunfaa naannichatti  yeroo kamiyyuu caalaa dabalaa dhufeera. Hojii investmentii baballi’suu cinatti, dargaggoota hojii dhabeeyyii gurmeessuun hojiitti galchuudhaan   lammiiwwan heduuf carraa hojii uumuun danda’ameera.
Gama misooma hawaasummaatiin  keesattuu gama tajaajila barnootaa, fayyaa fi dhiyeessi bishaan dhugaatiitiin hojiiwwan hojjetamnii fi bu’aaleen argaman gaariidha jechuun ni danda’ama.
Â
Tajaajiloota addda addaa gama manneen hojii  mootummaatiin ummataaf kennamani iftoomaa fi itti gaafatamummaa irratti karaa hundaa’een akka raawwatu gochuuf, sagantaaleen fooyya’insaa ammaan dura jalqaban ciminaan akka ittifufan gochuudhaan hanqinaalee bulchiinsa gaarii wajjin walqabatn xiqqeessuuf tattaafiin godhamee fi bu’aan argames salphaa miti.
Bara gaggeessine kana dhimmoota adda taasisan keessaa inni tokko dhimmaa ijaarsa hidha haaromsa  guddichaa laga abayyaa irratti eegalmee fi kaka’umsa ol’aanaa yeroo kamiyyuu caalaa hawaasa keenya biratti uumedha. Ijaarsi hidha gudichaa akkuma labsameen  uummnni naannoo keenyaa dadammaqiinsa qaama kamiyyuu otoo hin eegin, daangaa hanga daangaatti gammachuu isaa hiriira nagaatiin ibsuu irra dabree deeggarsa maallaqaa fi bittaa boondiitiin gumaacha ol’aanaa godhaa jira.Sochii fi deebii boonsaa ummatni naannoo keenyaa gama kanaan taasisee carraa kanaan diinqisifachuu fi galateeffachuun barbaada. Dabalataan“Gamtaa fi kaka’umsa misooma laga Abayyaa irratti agarsiifne, hojiiwwaan misoomaa biroo irrattis babal’isuudhaan fayyadamummaa keenya sadarkaa ol’aanaatti akka mirkaneessinu waamichaa koo dabarsuun barbaada.
Sochiiwwan waggaa dabarsine  keessattigama tokkoon  ajandaa misoomaa, bulchiinsa gaarii fi nageenyaa qabannee fyyadamummaa ummata keenyaa mirkaneessuuf wayita sochoonutti hunoonni badii ammoo gama isaanittiin olola farra misoomaa fi nageenyaa facaasuu  irra barbee sababa adda addaa da’oo godhachuudhaan jeequmsa fi walitti bu’iinsa uumuu fi gocha shororkeessummaa  yaaluun, kanaanis misoomni akka gufatu gochuuf hamma humna isaanii yaalaniiru. Haa ta’u malee, abjuu fi yaaliin farreen nageenyaa kun taakkuu tokko otoo hin fagaatin tumsa  ummataa fi mootummaa qindaa’aa ta’een maseenuu danda’eera.
Bara darbe kana  milkaa’ina qofa otoo hin taane rakoon yeroof nu qunnames jira.Innis  aanaalee baddaa oromiyaa tokko tokkotti roobni humnaa ol roobuudhaan, naannoo gammoojjiitti ammoo  roobni gahaan yerootti  roobuu dhabuudhaan kan ka’e hawaasni keenya  hanqina midhaan nyaataatiif saaxilamee jiraachuu isaatti. Rakoon kun akkuma uumameen mootummaan xiyyeeffannoo addaa kennuudhaan sochii taasifameen bala kana yerootti qolachuu danda’ameera. Rakkoo yeroof uumame kana to’achuu cinatti, tarsiimoo misoomaa keenya, keessattuu kallattii TMGBtiin hojiirra oolchuun  furmaata bu’uuraa kaa’uuf socho’aa jirra.
Ilaalcha kiraa sassaabdummaa keessattuu naannoo magaalotaatti,sochii daladalaa,gabaa fi kanfaltii gibiraatiin walqabate  hiikuun ilaalcha misoomaatiin bakka buusuuf qabsoon taasifamee fi taasifamaa jiru salphaa miti.Gabaa bilisaa dawoo godhachuudhaan sochii daldala seeraan alaatiin rakkoo ummta irraa gahu mootummaan callisee ilaaluu hin danda’u waan ta’eef, rakkoo kana hiikuuf tattaaffii ol’aanaa  taasisaa  tureera, bara kanattis  riiformii daldalaa hojiirra oolchuun sirna daldalaa iftoomaa fi ittigaafatamummaa qabu mirkaneessuuf kutannoon kan hojjetu ta’a.
Kabajamtoota ummata naanoo keenyaa
Waggaa moofaan gaggeessine walumaagalatti KGT keenyaaf bu’uura cimaa kan itti keenyee fi abdii misoomaa fi guddinaa uummnni keenya qabu daran kan itti cimedha. Guddina gama hundaan galmeessinee fi fayyadamummaa uummata keenyaa sadarkaa ol’aanaatti mirkaneessuuf bara haaraa kanattis waada keenya haaromfannee kutannee kaaneerra. Fedhii fi dheebuu misoomaa uummnni keenya qabu deebisuuf karoora bal’aa kan qabanne yoo ta’u, karooricha raawwachiisuuf baajata barbaachisus qabannee sochii jalqabneerra. Karoora bara haaraa kana keessatti misooma qonnaa, Ijaarsa daandii, tajaajila bishaan dugattii, fayyaa, barnoota,  misooma magaalaa, dhimma dargaggoo fi dubartootaaf xiyyeeffannoo guddaan kennameera.
Hojii fi baajata guddaa qabannee kana galmaan gahuu kan dandeenyu, muuxxannoowwan gaggarii arganne cimsachuudhaan, hanqinaalee keenyaa amoo  fooyyeffannee humnoonni misoomaa hundi yoo tumsinee qofadha.Milkaa’inni ooggansa mootummaa fi dhaabaa keenyaatiin hanga ammaatti gama hundaan galmaa’e iccitiinsaa waa biraa otoo hin taane toora  misoomaa fi diimokraasii sirrii ta’e qabaachuun kutannoon socho’uu fi humnoota misoomaa  hirmaachisuudha. Bara haaraa kanattis muuxannoowwan gaggaarii gama hundaan arganee fi kallattii bu’a qabeessa kana qabnnee  KGT mikeessuuf  kan sochoonu ta’a.
Dhumarratti uummanni naannoo keenyaa marti sochii misoomaa, bulchiinsa gaarii fi nageenyaa bara 2003tti taasifame keessatti mootummaa cina hiriirtanii sochii taasiftanii fi milkaa’ina galmaa’eekeessatti  gumaachaa gootaniif maqaa kootii fi maqaa mootummaa naannoo oromiyaatiin galateeffachaa, deeggarsii fi tumsi baratame kun bara haaraa kanattis cimee akka itti fufu waamicha koon dabarsa.
Hundumti keenya dhimma naannoo fi biyya keenyaa irratti abbaadha, ittigaafatamummaas qabna. Waan kana ta’eef, hundumti keenya bakka jirruu fi hojii keenya irratti dirqama keenya baanee argamnaan  yeroon hiyyummaa itti awwaallu fagoo hin ta’u.
Barri haaraan kan nagaa fi milkaa’ina nuuf haa ta’u/
                                                                                                          Galatoomaa!
LANGUAGES


