Trendy:
                                                                                                                                                                                                                                      LANGUAGES         ENGLISH         AMHARIC
Home MAXXANSAALEE IBSITU Ibsituu qabee tokkoffaa

Ibsituu qabee tokkoffaa

E-mail Print PDF

Bara 2003 karoora guddinaafi Tiraanisformeeshinii waggaa shanii baafannee hojiitti galuudhaan raawwii karoorichaa keesaa kan waggaa jalqabaa milkaa’inaan xumurree jirra. Sochii kanaanis guddina diinagdee keenyaa yeroo 8ffaaf galmeessuun galma ga’iinsa KGT tiif bu’uura amansiisaa kaa’uu dandeenyeerra.

Utubaawwan bu’uuraa KGT keessaa inni ijoon tokko diinagdee saffisaa, ittifufiinsa qabuu fi uum­manni sadarkaan irraa fayyadamu mirkaneessuudha. Gama kanaanis Tarsiimoo muxannoowwan gaggaarii babal’isuudhaan oomishaa fi oomishtummaan qon­naa akka fooyya’u gochuun, gama induustiriitiin bu’uura induustrii fi abbootii qabeenyaa borii kan ta’an dhaabbilee IMXtiif xiiyyeeffannoo kennameen bu’aalee abdachiisaan argamaniiru.

Haala mijaa’aa fi nageenya amansiisaa biyyaa fi naan­noo keenyatti mirkaneessuu keenyaan dhangala’iinsi investmentii dhuunfaa naannichatti yeroo kami­yyuu caalaa dabalaa dhufeera. Hojii investmentii baballi’suu cinatti, dargaggoota hojii dhabeeyyii gur­meessuun hojiitti galchuudhaan lammiiwwan hed­duuf carraa hojii uumuun danda’ameera.

 

Gama misooma hawaasummaatiin keessattuu gama tajaajila barnootaa, fayyaa fi dhiyeessi bishaan dhugaatiitiin hojiiwwan hojjetamnii fi bu’aaleen ar­gaman gaariidha jechuun ni danda’ama.

Tajaajiloota addda addaa gama manneen hojii moo­tummaatiin ummataaf kennaman iftoomaa fi itti gaa­fatamummaa irratti karaa hundaa’een akka raawwatu gochuuf, sagantaalee fooyya’insaa ammaan dura jalqaban ciminaan akka ittifufan gochuudhaan hanqi­naalee bulchiinsa gaarii wajjin walqabatn xiqqeessuuf tattaaffiin godhamee fi bu’aan argames salphaa miti.

Bara gaggeessine kana dhimmoota adda taasisan keessaa inni tokko dhimmaa ijaarsa ‘Hidha Haar­omsaa Guddicha Laga Abayyaa’ irratti eegalmee fi kaka’umsa ol’aanaa yeroo kamiyyuu caalaa ha­waasa keenya biratti uumedha. Ijaarsi hidha gudi­chaa akkuma labsameen uummnni naannoo keenyaa dadammaqiinsa qaama kamiyyuu otoo hin eegin, daangaa hanga daangaatti gammachuu isaa hiriira nagaatiin ibsuu irra dabree deeggarsa maallaqaa fi bittaa boondiitiin gumaacha ol’aanaa godhaa jira. Sochii fi deebii boonsaa uummatni naannoo keenyaa gama kanaan taasisee carraa kanaan diinqisifachuu fi galateeffachuun barbaada. Dabalataan“Gamtaa fi kaka’umsa misooma laga Abayyaa irratti agarsiifne, hojiiwwaan misoomaa biroo irrattis babal’isuudhaan fayyadamummaa keenya sadarkaa ol’aanaatti akka mirkaneessinu waamichaa koo dabarsuun barbaada.

 

            TO READ ALL THE DOCUMENT CLICK HERE

 
Last Updated ( Saturday, 29 October 2011 10:10 )  
YAADACHIISA HORDOFTOOTA WEBSAAYTII OROMIYAATIIF
Maxxansaalee adda addaa fi qophiilee dokimantariiwwan kan feenu waan ta'eef akka hordoftan isin affeerra!!!