Manni marii bakka bu'oota ummataa addaan ciccituu bilbilaa fi neetwoorkiin waliqabate umamu Ministeerri Teeknoolojii qunnamtii fi odeeffannoo hambisuu akka qabu hubaachise.
Tuesday, 19 June 2012 12:41
eskinder

Â
[Finfinnee, Oromiyaa 12 10 04] Manni marii bakka bu'oota ummataa addaan ciccituu bilbilaa fi neetwoorkiin waliqabate umamu Ministeerri Teeknoolojii qunnamtii fi odeeffannoo hambisuu akka qabu hubaachise. Ministeerrichi neetwoorkii babaldisuu fi qulqullina bilbilaa eegsisuuf hojeta jirun jijjiiramni jiratullee darbe darbee addaan ciccituun neetwoorkii rakkoo umaa wantaa jiruuf xiyyeeffannoon hojechun akka isaarra jiratu manni marii bakka bu'oota ummataa beeksisera. Mana marichaa koreen dhaabbii saayinsii, qunnamtii fi teeknoolojii raawwii hojii seektara kana kan ji'oota kudhanii qorate. Ministirri Teeknoolojii qunnamtii fi odeeffannoo Dr. Tsiyoon G/Mikaa'el yeroo ammaa kanatti uwisnii bilbilaa sarara malee harka 64 irraa kan gahee yoo ta'u lammileen biyyatti mil.17 ta'anis fayyadamoo ta'an jedhan.