
Â
Ob. Habtaamu Damissee Bokkaan
    Dareektarra  Daarektooreetii Dhimma  Komunikeeshinii fi Prootokoolii Â
    Email:  habtamu108071@yahoo.com
    Phone: 0115524246
    Fax:   ( 251-1)551 04 55 /  552 42 47
    P.O.Box 102719Â
Hojii  Daarektooreetii Dhimma Komunikeeshinii fi Prootokoolii hojjetaman issaan armaan gadiitiii tarreefama dhaa
1. Hojii quunnamtii Uummataa mana hojichaa ittigaafatamummaan  qindeessuu, oogganuu fi dubbi-himaa mana hojichaa ta’ee  hojjechuu.
2.   Ragaaleen mana hojichaa sirna itti sassaabamuu fi gurmaa’u  diriirsuu fi  tamsaasuu.
3.   Mullata fi ergama mana hojichaa bakkaan gahuuf jecha hawaasaa  fi mana hojichaa gidduutti quunnamtii gaariin akka jiraatu, maqaan mana  hojichaa fi naannichaa roga gaariin akka hubatamu  hojiiwwan quunnamtii uummataa karoorsu, qindeessuu fi  raawwachiisuu.
4.   Adeemsota hojii ykn kutaalee hojii mana hojichaa gidduutti sirna  walijjiirraa ragaa cimaa ta’e diriirsuu, qindeessuu fi raawwachiisuu.
5.   Gabaasota miidiyoonni mana hojichaa ilaalchisanii gabaasani kanneen deebiin itti kennamuu qabu xiinxaluun deeboo itti kennuu ykn qaamoleen man hojichaa dhimmii ilaalu akka deebii itti kennan ni  taasisa.
6.   Miidiyoota biyya keessaa fi alaa wajjin mana hojichaa quunnamsiisuu, gaaffii raga miidiyootaatiif ofuma ykn qaamolee mana hojichaa dhimmi  ilaaluun deebiin akka itti kennamu gochuu.
7.  Imaammata, tarsimoo, seerota akkasumas dhimmoota walta’insa  biyyooleessaa fi maqaa gaarif gumaachan irratti haalawwan  gurmeessuu.
8.  Waltajjiiwwan mari qopheessuu, qindeessuu fi  raawwachiisuu.
9.   Ooggantooni mana hojichaa fi abbootiin taayitaa olaanaan, hawaasni  adda addaa fi gaazaxessoonni sochii misoomaa fi raawwii mana  hojichaa  akka daawwatan karoorsuu, qindeessuu fi raawwachiisuu.
10.  Imaammata, tarsimoo, raawwii karooraa fi sagantaalee projektii mana  hojichaa beeksisuuf sagantaalee miidiyaa karoorsuun haguuggii  miidiyaa  akka argatan gochuu
11.  Hojiiwwan suuraa  waraabbii suur-sagalee fi maxxansaa akkasumas  bulchiinsa weebsaayitii hojjechuuf sirna dandeessisu diriisuun hojii irra  oolchuu.
12.  Gaazexessoonni biyya keessaa fi alaa qaama dhimmi ilaallatu irraa  hayyama fudhatanii wayita dhufan raga barbaachisu kennuu ykn akka kennamu gichuu.
13.  Hojiiwwan dhaadhessaa mana hojichaa ilaallatan ergama mana  hojichaa wajjiin karaa walhinfaallesineen seera hordofanii bahuu  isaanii mirkaneessuu.
14. Â Akkaataa seera kenniinsa raga fi odeeffannootiin ragaalee mana ojichaa irraa gaafatamn haala itti kennamana mijeessuu fi kennuu.
15.  Haalawwan hin eegamin akka tasaa wayiota uumamani qaamolee  mana  hojichaa dhimmi ilaalu waliin mariyachuun raga tamsaasuu  fi  hojii  tasgabeessuu raawwachuu.
16.  Bu’a qabeesummaa hojii quunnamti uummata mana hojichaa qorachuu, gamaagamuun hojimaata fooyy’aa qiyyaasuu fi hojii  irraa oolchuu.
17.  Ogeessaafi ogummaan quunnamtii uummataa gahumsaa fi  naamuusa gaarii qabu akka jiraatu fi akka cimu leenjiiwwan adda  addaa mijeessuu.
18.  Karooraa fi bajata hojichaa qopheesuu, meeshaalee fi human  namaa barbaachisu akka guutamu gochuu.
19.  Odeeffannoo fi ragaalee mana hojichaarra barbaadamu yerootti biiroo beeksisaaf ni dhiyeessa, ergaawwan akka naannootti qopha’anis biiricha irra fudhatee mana hojichaa keessatti ni  dabarsa.
20. Â Badhaasa fi kennaawwan qaamota adda addaaf preezidaantichaan kennaman qopheessuu olantuman nirawachisaa.
21. Â Hojiiwwan fi tajajjila Pirootokoolii sadarkaa issaa eggee abbummaadhaan ni hoggaana, ni hordoofa fi ni rawachisaa.
Naannoo keenya bakka bu’uun tuuta gara biyya alaa deemuuf viizaa  fi paaspoortii olantuman ni raawwachiisuu.
Jillii olii annaan Naannoo irraa gara alattii demaan fi biyyaa allaa irraaa  dhufaanfi tajajjilaa Pirootokoolii barabachisaa ta’ee kenu, qindeessuu fi rawachisuu.
Hojii misoomaa Bul gaarii fi haala mijawaa naannoo oromiyaa keessa jiru diyaaspooraa hubannoo akka argatan cimsuun walitti dhufeenya uumuu biyyaa keessatii harkisu olantumadhaan rawachisu.
Misooma biyya keessaa hirmaannaa uummataa dhimma hawaasummaa, siyaasaa fi misooma dinagdee jiru diyaaspooraa akka beeku techinolojii adda addaa fayadamun tamsaasuu fi qaamaan acchitti argamuun hubannoo uumuu.
Garagaruma ejjeno siyasaa bukettii dhisudhaan misomaa oromiyaa irraatti ejjeno tokkoon diyaaspooraa akkaa hirmatuu tasisu. Namoonni diyaaspooraa yeroo naannoo keenya dhufan simachuun sagantaa qabsiisuu fi hoogansa ol’aanaa waliin walqunnamsiisuu.
Hojii dabalataa ogganaa mana hojichaa irraa kennamu ni  raawwata.Â
LANGUAGES