
Contact Address
Obboo Dhugumaa Irreessoo ----> Qindeessaa Dameewwani fi Gorsaa Damee Qonnaa
Tel. 011-552-47-39
email:- duguma045@yahoo.com
Fax:- (251-1)551 04 55 / 552 42 47
1) Raawwii imaammataa fi tarsiimoo mootummaa naannichaa irratti preezidaantichaaf gorsa ni kenna;
2) Dameewwan hordoffii raawwii imaammataa ni qindeessa, ogummaan ni deeggara;
3) Gabaasa xiinxala imaammataa fi tarsiimoo, fi gabaasa raawwii karoora yaa’ii idilee Caffee Oromiyaatiif dhiyaatu damee dameen qophaa’anii dhiyaatan ni qindeessa;
4) Dhimmoota damee lamaa fi isaa ol ilaallatan ykn ‘cross sectoral’ ta’an qindaa’uu fi walsimuu isaanii ni mirkaneessa.
5) Raawwii imaammataa fi tarsiimoo Damee Qonnaa hordofuu fi xiinxallii (trend analysis) gaggeessuudhaan gabaasa xiinxala imaammataa fi tarsiimoo dhiyeessuu;
6) Yaada imaammataa, tarsiimoo fi sagantaalee Damee Qonnaa bu’a-qabeessa taasisuu
danda’an maddisiisuu;
7) Kallattiiwwanii fi murteewwan preezidaantii fi mana maree bulchiinsa mootummaa naannichaatiin Damee Qonnaa ilaalchisee kennaman raawwachiisuu fi raawwatiinsa isaas dhiyeenyatti hordofuu fi deeggaruu;
8) Yaada imaammataa, tarsiimooo fi murteewwan Damee Qonnaa irraa preezidaantiif dhiyaatu xiinxaluun qulqullinaa fi gahumsa isaanii mirkaneessuu;
9) Muuxannoowwan raawwii imaammataa fi tarsiimoo naannicha keesstti argaman qindeessuu; akkasumas, muuxannoowwan haaraa addunyaa fi biyya keessaa barbaaduu, xiinxaluu fi qindeessuudhaan haala hojiiwwan hawaas-dinagdee fi bulchiinsa gaarii naannicha keessatti bu’a-qabeessa taasisan irratti preezidaantiif gorsa kennuu;
10) Gabaasa raawwii karoora damee qonnaa walgahii idilee Caffee Oromiyaatiif dhiyaatu qopheessuun dhiyeessuu; fi
11) Iyyannoo fi komii hiikkaa tarsiimo’aa qabanii fi damicha ilaallatan qorachuun fala akka argatan taasisuu.
LANGUAGES