
Contact Address
Ob. Dawaanoo Kadiir:
Damee Dhimma Seeraa
Email :- dawaanookadir@yahoo.com
Phone :- 0115525720
Fax:- (251-1)551 04 55 / 552 42 47
Hojjiiwwan Damee Dhimma Seeraa hojjattama kessaa kaneen armaan gadittii ibsamaan
- Raawwii fooyya’iinsa sirna haqaa hordofuu fi xiinxallii (trend analysis) gaggeessuudhaan gabaasa xiinxala imaammataa fi tarsiimoo dhiyeessuu;
- Yaada imaammataa, tarsiimoo fi sagantaalee damee haqaa bu’a-qabeessa taasisuu danda’an maddisiisuu;
- Kallattiiwwanii fi murteewwan preezidaantii fi mana maree bulchiinsa mootummaa naannichaatiin damee haqaa ilaalchisee kennaman raawwachiisuu fi raawwatiinsa isaas dhiyeenyatti hordofuu fi deeggaruu;
- Yaada imaammataa, tarsiimooo fi murteewwan qaamolee haqaa irraa preezdaantiif dhiyaatu xiinxaluun qulqullinaa fi gahumsa isaanii mirkaneessuu;
- Muuxannoowwan raawwii fooyya’iinsa sirna haqaa naannicha keessatti argamu qindeessuu; akkasumas, muuxannoowwan haaraa addunyaa fi biyya keessaa barbaaduu, xiinxaluu fi qindeessuudhaan haala hojiiwwan hawaas-dinagdee fi bulchiinsa gaarii naannicha keessatti bu’a-qabeessa taasisan irratti preezidaantiif gorsa kennuu;
- Iyyannoo fi komii hiikkaa seeraa qabanii fi damicha ilaallatan qorachuun fala akka argatan taasisuu; dameelee kaaniifis deeggarsa gorsa seeraa kennuu;
- Preezidaantii fi mana maree bulchiinsa mootummaa naannootiif gorsa seeraa kennuu;
- Wixinee seeraa, qajeelfamootaa fi waliigalteewwan mootummaan mallatteessu qopheessuu, qophaa’anii kan dhiyaatanis xiinxaluun yaada irratti kennuu;
- Gabaasa raawwii karoora qaamolee haqaa walgahii idilee Caffee Oromiyaatiif dhiyaatu qopheessuun dhiyeessuu;
LANGUAGES