Trendy:
                                                                                                                                                                                                                                      LANGUAGES         ENGLISH         AMHARIC

Damee Hawaasummaa

Damee Hawaasummaa

     Damee Hawaasummaa

 

1)  Raawwii imaammataa fi tarsiimoo damee hawaasummaa hordofuu fi xiinxallii (trend analysis) gaggeessuudhaan gabaasa xiinxala imaammataa fi tarsiimoo dhiyeessuu;

2)  Yaada imaammataa, tarsiimoo fi sagantaalee damee hawaasummaa bu’a-qabeessa taasisuu danda’an maddisiisuu;

3)  Kallattiiwwanii fi murteewwan preezidaantii fi mana maree bulchiinsa mootummaa naannichaatiin damee hawaasummaa ilaalchisee kennaman raawwachiisuu fi raawwatiinsa isaas dhiyeenyatti hordofuu fi deeggaruu;

4)  Yaada imaammataa, tarsiimooo fi murteewwan damee hawaasummaa irraa preezidaantiif dhiyaatu xiinxaluun qulqullinaa fi gahumsa isaanii mirkaneessuu;

5)  Muuxannoowwan raawwii imaammataa fi tarsiimoo naannicha keesstti argaman qindeessuu; akkasumas, muuxannoowwan haaraa addunyaa fi biyya keessaa barbaaduu, xiinxaluu fi qindeessuudhaan haala hojiiwwan hawaas-dinagdee fi bulchiinsa gaarii naannicha keessatti bu’a-qabeessa taasisan irratti preezidaantiif gorsa kennuu;  

6)  Gabaasa raawwii karoora hawaasummaa walgahii idilee Caffee Oromiyaatiif dhiyaatu qopheessuun dhiyeessuu; fi

7) Iyyannoo fi komii hiikkaa tarsiimo’aa qabanii fi damicha ilaallatan qorachuun fala akka argatan taasisuu.

 
YAADACHIISA HORDOFTOOTA WEBSAAYTII OROMIYAATIIF
Maxxansaalee adda addaa fi qophiilee dokimantariiwwan kan feenu waan ta'eef akka hordoftan isin affeerra!!!