Trendy:
                                                                                                                                                                                                                                      LANGUAGES         ENGLISH         AMHARIC
Home MAXXANSAALEE HAASAWA

HAASAWA

Naannoo Oromiyaatti waldaaleen Intarpiraayizii 68 gara guddattii industirii giddu galeessaatti ce’an.

Naannoo Oromiyaatti waldaaleen Intarpiraayizii 68 gara guddattii industirii giddu galeessaatti ce’an.

(Bitootessa 21/2004, Finfinnee)-Naannoo Oromiyaa keessatti waggoottan darban waldaaleen intarpiraayizii maayikroo fi xixiqqaa 35, 000 miseensota  kuma 357ol qaban gurmaa’anii hojii keessa galuun jiruu fi jireenya isaanii fooyyeffachuu bira darbanii guddina misooma biyyattii keessatti qooda isaanii gumaachaa jiru.

Ejansiin Intarpiraayizii mayikroo fi xixiqqaa Oromiyaa waldaalee hojii isaanitiin fakkeenya ta’anii fi gra industirii guddattuu giddu galeessaatti ce’an tibba kana Magaalaa Adaamatti badhaaseera.

Waldaalee badhaafaman keessaa 68 warra gara gauddattuu Industirii giddugaleessaatti ce’an, waldaaleen 152  warra hojii isaaniitiin fakkeenya ta’anii fi kaadhimamtoota gara guddattuu gindustrii giddu galeessaatti ce’uuf qophaa’an.  Warren kaadhimamtoota ta’an kaappitaalli isaanii birrii kuma 200 hanga miliyona 1. 5  yoota’an warri garaguddattuu goddugaleessaatti ce’an kaappitaaia birrii miliyoona 1.5 fi sanaa ol kan horatan.

Waldaalee Intarpiraayizii Maayikroo fi xixiqqaa tibbana badhaafaman keessaa hanga kaappitaala birrii miliyoona 4 kan galmeessisan kessatti argamu.

Waldaalee kanneeniif badhaasa kan kennan pirezidaantiin bulchiinsa mootummaa naannoo Oromiyaa obbo Alamaayyoo Atoomsaa, bu’uura tarsiimoo industirii kan ta’e intarpiraayizii maayikroo fi xixiqqaa gurmeessuu keessatti ilaalchi boodatti hafaafi gochaan kiraa sassaabdummaa  keessumattuu magaalota keessa turan gufuu ta’anii turan jedhan.

Warren badhaafamtan tattaffii mataa keessanii deeggarsa mootummaatiin rakkoolee kanneeniif osoo hin jilbiiffatin hojii dhabummaa keessaa bahuu qofa osoo hin taane sadarkaa abba qabeenyaa gahuu keessaniif mootummaan naannoo Oromiyaa  badhaafamtootaaf dinqisiifannaa  isiniif qaba jedhaniiru.

Warri badhaafaman warren biro jajjabeessuun fakkeenyummaa isaanii hordofun ilaalchawwan boodatti hafaa, eeggattummaa, gochaa kiraasassaabdummaa dhabamsiisaaf deemuuf qooda isaanii gumaachuu akka qaban hubachiisaniiru.

Baayi’nni waldaalee gurmaa’anii baayi’na hojii-dhabeeyyii naannoo Oromiyaa wal hin gitu kan jedhan obbo Alamaayyoon bu’aawwan caalmaatiif xiyyeeffannoon hojjechuu akka barbaachisu dubbataniiru.

 Daarektarri olaanaan Ejansii Intarpiraayizii maayikroo fi xixiqqaa Oromiyaa obbo Milkeessaa Jaagamaa waldaaleen badhaasaaf filtaman kunneen hojii isaaniitiin fakkeenyummaa kan qabanii fi ulgaalee filannoo kan guutan akka ta’e sirnicha irratti himaniiru.

 

Muuxannoon Qonnaan Bultoota Adda Duree Daran Cimee Babal’achuu Akka Qabu ibsame

Muuxannoon Qonnaan Bultoota Adda Duree Daran Cimee Babal’achuu Akka Qabu ibsame

(Bitootessa 21/2004, Finfinnee) Muxannoo qonnaan bultoota adda duree daran cimsinee babal’isuun qabsoo hiyyummaarratti jalqabne milkeessuf nu dandeessisa jedhan,pirezidaantin Bulchiinsa Mootummaa Naannoo Oromiyaa Obbo Alamaayyoo Atomsaa .

Ob. Alamaayyon sirna badhaasa gootata misoomaa marsaa 6ffaa magaalaa Adaamaatti har’a deemsifamerratti  yoo dubbatan, garaagarummaan qonnaan bultoota adda duree fi kaan gidduu jiru bal’aa waan ta’eef muuxannoo qonnaan bultoota adda duree caalatti babal’isuu dhaan duula hiyyummaarratti jalqabne injifannooodhaan milkeessuu ni dandeenya jedhan jiru,

Guddinni diinagdee keenyaa waggoota muraasaan asitti galmeessaa dhufne hamma misoomuu qabnu waliin kan nu hafu waan ta’eef karoora Guddinaa fi Tiraansifoormeeshinii galmaan ga’uu keessatti gama hundaan tumsa bal’aatu nu eeggata jedheniiru Ob. Alamaayyon.

Last Updated ( Friday, 30 March 2012 16:14 )

Read more...
YAADACHIISA HORDOFTOOTA WEBSAAYTII OROMIYAATIIF
Maxxansaalee adda addaa fi qophiilee dokimantariiwwan kan feenu waan ta'eef akka hordoftan isin affeerra!!!