Trendy:
                                                                                                                                                                                                                                      LANGUAGES         ENGLISH         AMHARIC
Home KAABINEE ANGOO FI HOJII KAABINEE

ANGOO FI HOJII KAABINEE

Aangoofi Hojii Kaabinee(function of the Cabinet)

 

Heera Mootummaa Naannoo Oromiyaa bara 1994 fooyya’e bahe keewwata 55tin, Heera Federaalaatiin kan tumame akkuma eegametti ta’ee,  manni marii Bulchiinsa Mootummaa Naannichaa aangoofi hojii kanatti aanan ni qabaata jedhuun kaa’eera.

1.      Seeroota Caffeefi Mootummaa Feedeeraalaatiin bahaaniifi murtiiwwan kennaman Naannicha keessatti hojiirra ooluusaanii ni mirkaneessa;

2.       Akkaataa seeraan murtaa’utti, lakkoofsa miseensoota Mana Marii Bulchiinsa Naannichaa ni murteessa; qaamota raawwachiistuu biraatiifi dhaabbattoota adda addaa ni hundeessa ni to’ata;

3.      Baajata Naannichaa kan waggaa ni qopheessa; Caffeef ni dhiyeessa; yeroo ragga’us hojiirra ni oolcha;

4.      Imaammattootaafi tarsiimoowwan misooma dinagdeefi hawaasummaa naannichaa ni qopheessa; yeroo ragga’anis hojiirra ni oolcha;

5.      Naannicha keessatti seeraafi sirni kabajamuusaa ni mirkaneessa;

6.      Aangoo Caffeen isaaf kennamurratti hundaa’ee dambiiwwan ni baasa;

7.      Heera kana keewwata 49 keewwata xiqqaa 3(o) jalatti aangoo Caffeef kenname akka eegametti ta’ee, yeroo Caffeen walitti hin qabamne rakkoon fayyaafi balaan tasaa Naannicha keessatti yeroo mudate tuma yeroo ariifachiisaa baasee hojiirra ni olcha;

8.      Heera kana keewwata 57 keewwata xiqqaa 3(e)irratti hundaa’uudhaan hoggantoota, bulchootaafi itti aantoota bulchoota godinaa dhiyaataniif ni muuda;

9.      Hojiiwwan biraa Caffeen kennamaniif ni raawwata jechuun tumameera.

 
YAADACHIISA HORDOFTOOTA WEBSAAYTII OROMIYAATIIF
Maxxansaalee adda addaa fi qophiilee dokimantariiwwan kan feenu waan ta'eef akka hordoftan isin affeerra!!!