Trendy:
                                                                                                                                                                                                                                      LANGUAGES         ENGLISH         AMHARIC
Home MOOTUMMAA HEERA

HEERA

Labsii Heera Mootummaa Naannoo Oromiyaa Kan Bara 1994 Fooyya’e Raggaasuuf Bahe

Labsii Heera Mootummaa Naannoo Oromiyaa Kan Bara 1994 Fooyya’e Raggaasuuf Bahe

Heera Mootummaa Naannoo Oromiyaa, kan bakka bu’oota uummata Naannichaatiin irratti mari’atamee, Waxabajjii 14 bara 1987 yeroo jalqabaatiif ragga’eefi hanga ammaa hojiirra ture, bal’inaan ilaaluudhaan qooddii aangoofi itti gaafatama qaamota Mootummaa Naannichaa ifaan tumuufi akkaataa tajaajila si’oomaan kennuu danda’uusaanii agarsiisuun sirreessuudhaan Heericha fooyyessuun barbaachisaa ta’ee waan argameef;

Bu’uura Heera Mootummaa bara 1987 bahe keewwata 49(3) (a) fi 98tiin, Labsiin Heera Mootummaa Naannichaa Kan Bara 1994 Fooyya’ee Bahe raggaasu kanatti aanee labsameera.

1. Mata Duree Gabaabaa

Labsiin kun “Labsii Heera Mootummaa Naannoo Oromiyaa kan bara 1994 Fooyya’ee Bahe Raggaasuuf Bahe Lak. 46/1994" jedhamee waamamuu ni danda’a.

2. Heerri Fooyya’aan Bara 1994 Ragga’uusaa

Qabiyyeefi teessumni tumaatota Heera Mootummaa Naannichaa Labsii Lak. 1 bara 1987 baheen ragga’e erga ilaalamee booda Heerri Mootummaa Naannoo Oromiyaa kan fooyya’e Labsii kanaan ragga’eera.

3. Waa’ee Raawwatamummaa Seerota Kanaan Duraa

Seerri kanaan dura ba’ee hojiirra jiru kamiyyuu hamma Heera Mootummaa Naannichaa kan fooyya’een wal hinfaalleessinetti raawwatamummaan isaa itti fufa.

4. Yeroo Labsiin Kun Itti Ragga’u

Labsii raggaasisaan kun Heera Mootummaa Naannichaa Fooyya’ee wajjin Onkololeessa 17 bara 1994 eegalee kan ragga’e ta’a.

Adaamaa, Onkololeessa 17 bara 1994

Suufiyaan Ahimad

Itti Aanaa Pireezidaantii

Bulchiinsa Mootummaa Naannoo Oromiyaa

Heera Fooyya’aa

Mootummaa Naannoo Oromiyaa Bara 1994

Nuti Uummanni Oromoo sirni cunqursaa nuufi saba, sablammootaafi uummattoota biyyattii kanneen biroorratti dagaagee ture mirga namummaafi dimokraasummaa keenya ukkaamsee, imaammatoota dinagdeefi hawaasummaa sirrii hin taaneen nu xaxuun hiyyummaafi duubatti hafummaatti nu kennee biyyuma keenya keessatti akka lammii lammataatti lakkaawamuudhaan jireenya gadadoo akka dabarsinu nu gochuusaa mormuufi haala keessa hindeebineen akka sirraa’u amanuudhaan sirnicha hundeedhaa buqqisnee kan ganne waan ta’eef;

Sirnichi erga kufeen boodas biyya keenyatti, fottoquu dabalatee, mirga hiree ofii ofiin murteeffachuufi mirgoonni namummaafi dimokraasummaa hundumtuu kan itti kabajaman, walumaagalatti olaantummaan seeraa kan itti mirkanaa’e Sirna Dimokraatawaa Federaalaa


 Rippaablikaatin gurmaa’uun faayidaa nuuf kennu hubachuudhaan Heera Mootummaa Federaalaa waliin kan raggaasne waan ta’eef;

Nuti Uummanni Oromoos guddina saffisaa dinagdee, nageenya fulla’aafi dimokraasii cimaatti kan geenyu Heera Mootummaa dimokraatawaa federaalaa rippaablikaa bu’uura kan godhate, haala qabatamaa Naannoo keenyaa wajjin kan walsimateefi mirgoota Heera Mootummaatiin nuuf kennaman otoo hin hir’atiin hojiirra oolfachuu Heera nu dandeessisu yoo qabaanne ta’uu amanuudhaan bakka bu’oota keenyaan Heera hanga ammaa hojiirra jiru Waxabajjii 15 bara 1987 raggaasuu keenya yaadachaa;

Heerri hojii irra jirus qajeelfama qoodama aangoo qaamota Mootummaafi wal too’annoo haala hordofuun, akkaataa hojii ifa ta’eefi hirmaannaa uummataa haala cimsuun, gurmaawina Mootummaa gaafatamaa ta’eefi ga’umsa qabu bifa agarsiisuun, hirmaannaa uummataa bifa fooyya’een akkaataa mirkaneesuufi haala qabatamaa biyyaafi Naannoon keenya keessa jiru wajjin bifa wal simatuun fooyya’ee bahuu kan qabu ta’uu amanuudhaan;

Har’a Onkololeessa guyyaa 17 bara 1994 Yaa’ii Ariifachiisaa Caffee Adaamaarratti gooneen Heera kaayyoodhuma kanaaf fooyya’ee nuu dhiyaaterratti mari’annee sagalee caalmaadhaan raggaasneerra.

BOQONNAA TOKKO

Tumaalee Waliigalaa

Keewwata 1

Moggaasa Mootummaa Naannoo Oromiyaa

Mootummaan caaseffamnisaa dimokraatawaa ta’eefi “Mootummaa Naannoo Oromiyaa” jedhamee waamamu Heera kanaan hundeeffameera.

Keewwata 2

Daangaa Oromiyaa

Naannoon Oromiyaa:

1) Qubsuma lafa wal qabate, kan uummanni Oromootiifi uummatoonni Oromiyaa keessa jiraachuu filatan kan birootiis irra qubatan ta’ee;

Kaabaan - Naannoo Affaariifi Naannoo Amaaraatiin,

Kibbaan - Naannoo Uummatoota Kibba Itoophiyaatiifi Keeniyaadhaan,

Bahaan - Naannoo Sumaaleetiiniifi

Lixaan - Naannoo Benishaangul Gumuz, Naannoo Gaambellaafi Sudaaniin kan daangeffamuudha.

2) Keewwata kana keewwata xiqqaa (1)n kan tumame yoo jiraatellee, daangaawwan Oromiyaan Naannota ollaashee wajjin qabdu, fedhii uummataa bu’uura godhachuudhaan, Naannoo dhimmichi ilaaluu wajjin waliigaltee taasisamuun jijjiiramuu ni danda’a.

  3) Akka keewwata kana keewwata xiqqaa 2tti waliigalteerra gahamuun yoo dadhabame      

   akkaataa Heera Rippaablika Dimokraatawaa Federaalaa Itoophiyaa keewwata 48 tti Mana Maree Federeeshinichaatiin kan murtaa’u ta’a.

Keewwata 3

Alaabaafi Asxaa

 1) Alaabaaniifi Asxaan Naannoo Oromiyaa eenyummaa uummata Naannichaa, tokkummaa,        sabboonummaa, gootummaafi abbaa seenummaa, akkasumas, walitti hidhamiinsa          

     dinagdee kan calaqqisiisu ta’a. Alaabaan Naannichaa gararraan diimaa, gidduun adii, jalli gurraacha ta’ee gidduusaarratti mallattoo Odaa ni qabaata.

2) Asxaan Naannichaa, keessa isaatti mallattoo odaa, jalli qamadiifi giirii warshaa ni qabaata.

 

 

 CLICK HERE TO SEE THE WHOLE DOCUMENT

 

Last Updated ( Tuesday, 08 March 2011 14:14 )

 
YAADACHIISA HORDOFTOOTA WEBSAAYTII OROMIYAATIIF
Maxxansaalee adda addaa fi qophiilee dokimantariiwwan kan feenu waan ta'eef akka hordoftan isin affeerra!!!