Trendy:
                                                                                                                                                                                                                                      LANGUAGES         ENGLISH         AMHARIC
Home PIREZIDAANTII

PIREZIDAANTII

PRESIDANT OF OROMIYAA NATIONAL REGIONAL STATE

PRESIDANT OF OROMIYAA NATIONAL REGIONAL STATE

 

PRESIDANT OF OROMIYAA NATIONAL REGIONAL STATE 

Contact Address

Kabaj.Ob. ALAMAAYYOO ATOOMSAA 

PIREESDAANTII BULCHINSA MOOTUMMAA  NAANNOO OROMIYAA

 

 

 

 

 

 

E-MAIL - oromiaweb@ethionet.et

PHONE - (251-1)551 42 47

FAX -  (251-1)551 36 42 / 551 96 33       

 Aangoofi Hojii Pirezidaantiichaa Bulchiinsa Mootuummaa Naannoo Oromiyaa

 

1)  Pireezidaantichi, hogganaa hojii Bulchiinsa Mootummaa Naannichaatiifi walitti qabaa Mana 

Marii Bulchinsichaati. 

 

2)  Itti waamamni Pireezidaantichaa Caffeedhaafii. 

 

3) Keewwata kana keewwata xiqqaa 1 jalatti kan tumame akkuma eegametti ta’ee, 

Pireezidaantichi: 

 

(a) Mana Marii Bulchiinsa Mootummaa Naannichaa ni hoggana; ni qindeessa; bakka bu’a; 

 

(b) Imaammattoonni, dambiiwwan, qajeelfamoonniifi murtiileen Manni Marii Bulchiinsa 

Mootummaa Naannichaa baase hojiirra oolchuusaanii ni hordofa; 

 

(c) Muudama Pireezidaantiifi Itti Aanaa Pireezidaantii Mana Murtii Waliigalaa Naannichaa, 

Odiitara Muummichaafi miseensota Mana Maree Bulchiinsa Mootummaa Naannoo Caffeef 

dhiyeessee ni raggaasisa; 

 

(d) Keewwata xiqqaa kana (c) jalatti kan tumame akkuma eegametti ta’ee, yeroo Caffeen 

wal hin geenye hogganoota hojii kanaa olitti eeraman yeroodhaaf ramadee ni hojjachiisa; 

 

(e) Hogganootaafi itti aanota Waajjiroota Naannichaa kanneen jaarmayoota ol’aanoo 

dinagdee, hawaasummaafi bulchiinsaa kanneen keewwata xiqqaa kana (c) jalatti 

tarreeffamaniin ala ta’an, bulchootaafi itti aantota bulchoota  godinaa, Mana Marii 

Bulchiinsa Naannichaatiif dhiyeessuudhaan ni muuchisiisa; 

 

(f)  Humnoota nageenyaafi poolisii kanneen nageenya Naannichaa eeguufi seeraafi sirna kabachiisuuf 

hundeeffaman ol’aantummaan ni hoggana; ni to’ata;  

 

(g) Hojii Manneen Marii Bulchiinsa Godinaa, Aanaafi Gandaa ol’aantumman ni hoggana; ni 

qindeessa; ni to’ata; 

 

(h) Waa’ee haala Naannichaa hojiiwwan Mana Marii Bulchiinsichaatiin raawwatamaniif 

karoora gara fuulduraa Caffeedhaaf yeroo yerootti gabaasa ni dhiyeessa; 

 

(i)  Akka seeraatti dhiifama ni godha; 

 

(j) Heera Mootummaa kana ni kabaja; ni kabachiisa;

 

(k) Hojiiwwan biroo Caffee Naannichaatiin kennamaniif ni raawwata. 

 

 

Last Updated ( Tuesday, 24 April 2012 08:58 )

 
YAADACHIISA HORDOFTOOTA WEBSAAYTII OROMIYAATIIF
Maxxansaalee adda addaa fi qophiilee dokimantariiwwan kan feenu waan ta'eef akka hordoftan isin affeerra!!!